Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa DhMG waliin mari’ataniiru

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa dhaabbii fi Qindeessaa Dhimma Namoomaa Dhaabbataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Raamiiz Alakbaaroov waliin mari’ataniiru.

Marii isaanins dhimmoota deeggarsa namoomaa fi misoomaa irratti waloon hojjechuuf haalota dandeessianirratti mari’ataniru.

Raamiiz Alaakbaaroov, waajjirri isaanii fuulduratti mootummaa Itiyophiyaa waliin deeggarsa namoomaa fi dhimmoota misoomaarratti walta’iinsaan akka hojjetu dubbataniiru.

Obbo Dammaqaan gama isaaniin, waajjirichi Itiyoophiyaatti hojiilee gaggeessaa jiru dinqisiifatanii, karoora fuulduree qophaa’e jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.

Dabalataan erga Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa as mootummaan federaalaa hojiilee gaggeessaa jiru ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.