Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Afrikaa Atileetoota Maaraatoonii Niwuu Yoorkiin maqaa Afrikaa waamsisan galateeffate

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Gamtaan Afrikaa Atileetoota Itiyoophiyaa fi Keeniyaa Maaraatoonii Niwuu Yorki injifachuun maqaa Afrikaa waamsisan galateeffateera.

Dhaabbatta Mootummoota Gamatoomaniitti Waajjirri Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaa Atileetoota Itiyoophiyaa fi Keeniyaa Maaraatoonii Niwuu Yorki injifachuun maqaa Afrikaa waamsisan galateeffateera.

Atileetoota kanneeniin baga gammaddan jedheera.

Dorgomicha sadarkaa 1ffaan kan xumure Atileet Taammiraat Tolaa, sadarkaa 2ffaan kan xumure Atileetii Keeniyaa Albarti Kooriirii fi sadarkaa 3ffaan kan xumure Atileet Shuraa Qixxaataan baga gammaddan jedheera.

Durbatootaan sadarkaa 2ffaan kan xumurte Atileet Lattasanbata Gidayii fi Atileetoota Keeniyaa sadarkaa 1ffaa fi 3ffaan xumuran Heelan Obirii fi Shaaroon Lookdiinifis ergaa baga gammaddanii dabarseera.

Atileetoonni kunneen dorgomicha injifachuuf kabaja Afrikaaf argamsiisaniif Gamtichi galata qabaachuu fuula miidiyaa Hawaasummaa waajjirichaan ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.