Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti tajaajilli lammummaan Birrii biiliyoona 102tti tilmaamamu hojjechuuf karoorfameera-BMO

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti barana tajaajila lammummaa hojiiwwan adda addaa Birrii biiliyoona 102 olitti tilmaamamu hojjechuuf karoorfamuu Biiroon Maallaqaa Oromiyaa beeksiseera.

Hanga ammaattis, hojiileen tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 40 fi miiliyoona 81 oliitti tilmaamamu hojjetamuun himameera.

Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa fi Itti Gaafatamaan Damee Tajaajila Lammummaa, Dooktar Mohammadnaasir Abbaa Jamaal, hojiiwwan hojjetamanis, manneen jireenya harka qalleeyyii ijaaruu, manneen barnoota bu’uura boruufi mana jireenya barsiisotaa ijaaruu akkasumas deeggarsa meeshaalee barnootaa ta’uu eeraniiru.

Dabalataan, keellaawwan fayyaa ijaaruu, dhiiga arjoomuu, sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu, daandiiwwan haaraa ijaaruu fi suphuufi kan biroon hojjetamuu himaniiru.

Hojiilee tajaajila lammummaa kanaanis lammiilee miiliyoona 3 fi kuma 919 fi 938 fayyadamoo ta’uu Dooktar Mohammad ibsuu OBN gabaaseera.

Hojii tajaajila lammummaarratti hawaasani dammaqinaan akka hirmaatuuf hubannoo hawaasaa cimsuun caalaattii hirmaannaa hojicha dabaluuf qindoominaan hojjetamuu akka qabus dubbataniiru.

Hojiin tajaajila lammummaa, kan lammiileen hundi irratti hirmaachuu qaban ta’uu eeruun, hawaasni hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.