Fana: At a Speed of Life!

Antoonii Bilinkan Pireezidanaatii Filisxeem Mahaammad Abbaas waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa, 25, 2016 (FBC)- Filisxeem Raamaalaahitti kan argaman Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan Pireezidaantii Filisxeem Mahaammad Abbaas waliin walarguun mari’ataniiru.

Dubbii Himaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ameerikaaa Maatiiwu Miilar akka beeksisanitti, deeggarsa namoomaa Gaazaatti taasifamaa jiru akka addaan hincinne Ameerikaan kutannoon akka hojjettu Bilinkan mirkaneessaniiru.

Dabalataan lammiileen Filisxeem akka hinbuqqaneef Ameerikaan kan hojjettu ta’uu ibsuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa dubbataniiru.

Westibaankittis nageenyi akka bu’uuf tattaaffii taasifamaa jiru akkasumas haleellaa Flisxeemotarraatti raawwatamaa jiru haala dhaabuun danda’amurrattis mari’ataniiru.

Ameerikaan mirgi Filixeemotaas ta’e Israa’elootaa walqixa akka eegamu hojjechuu kan itti fuftu ta’uu Bilinkan ibsuu The Week fi Anaadooluun gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.