Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Alamuun Ministira bu’uuraalee misoomaafi Ikkiyuupimantii Jibuutii waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen Ministira bu’uuraalee misoomaafi Ikkiyuupimantii Jibuutii Hasan Humad Ibraahiim waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota faayidaa waloo biyyoota lamaanii mirkaneessanii fi tumsa michummaa caalmaatti cimsanirratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaa fi Jibuutiin hariiroo fi michummaa bara dheera qabaachuu Dooktar Alamuun ibsaniiru.

Fayyadamummaa diinagdee biyyoota lamaanii guddisuuf ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fi damee biroon murannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hariiroon diinagdee biyyoota lamaan yeroo gara yerootti guddachaa dhufuu Hasan Humad Ibraahiim ibsaniiru.

Yeroo itti aanus tumsa diinagdee biyyoota lamaanii fayyadamummaa waloorratti hundaa’e cimsuuf ni hojjetama jechuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.