Fana: At a Speed of Life!

Onkololeessi 24, yoomiyyuu, eessattuu hin dabalamu – TKM

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Onkololeessa 24 guyyaa yaadannoo haleellaa Raayyaa Ittisaa Ajaja Kaabarratti raawwatame waggaa 3ffaa ilaalchisee ibsa kenneera.

Onkololeessi 24, yoomiyyuu, eessattuu hin dabalamu jechuun ibseera.

Wareegama Raayyaan Ittisaa biyyaaf kaffalu wantoota gochaan mul’isan keessaa Onkololeessi 24 tokko ta’uu himeera.

Taateen kun seenaa biyyattii keessatti taatee seenaa gurraacha kaa’ee darbe keessaa tokko ta’uu eereera.

Haleellaan kun yoomiyyuu, eessattuu dabalamuu kan hin qabne seenaa hin dagatamne ta’uu kaaseera.

Haleellaa biyyattii gatii olaanaa kaffalchiise, biyya gara gaaga’ama hammaati galche, miidhaa namoomaa fi qabeenyaa guddaa qaqqabsiise, dagatamuu kan hin dandeenye, gochaa qaanessaa fi seenaa gurraacha kaa’ee darbe ta’uu himeera.

Waraanichi waliigalteen xumuramus guyyichi seenaan kan hin dagatamne, taatee barumsa guddaa irraa barannu yeroo hunda kan yaadatamu qabu jechuun ibseera.

Guyyichi kan yaadatamu haloof osoo hin taane dogongorichi akka irra hin deebineef ta’uu himeera.

Waraanni haadholii boochisu, hariiroo ummataa laaffisu, maatii bittinneessu, qabeenya biyyaa barbadeessu haa hafu jechuuf ta’uu eereera.

Haleellichi Itiyoophiyaatti hidhannoon aangoo qabachuuf yaaliin taasiifamu kan hin milkoofne ta’uu mirkaneessuu himeera.

Raayyaan Ittisaa biyyaa Itiyoophiyaa haleellaa Onkololeessa 24 irratti raawwatame dandamachuun, waraana biyyarratti labsame qolachuun birmadummaa fi tokkumnaa bulchiinsa ishee balaa guddaarraa baraaruu ibseera.

Yeroo ammaas humna namaa, namuusa gaarii, hidhannoo Meeshaalee, Teeknooloojii fi saayinsii waraanaa caalmatti cimsachuun sirna heera mootummaa diina keessaa fi alaarraa tiksuuf ga’umsa olaanarratti kan argamu ta’uu eereera.

Haleellaan Onkololeessa 24 yerooo kamiiyyuu fi eessattuu balaaleffatamuu akka qabu ibseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.