Fana: At a Speed of Life!

Dhibee Bowwoo Mataa

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) – Dhukkubbiin mataa/bowwoon sababa namni mana yaalaa deemuuf keessaa isa ijoodha.

Bowwoon/dhukkubbiin mataa iddoo lamatti qoodamuu danda’a;

Bowwoo mataa jalqabaa :-Bowwoo rakkinna biraa irraa hin dhufne fi Bowwoo mataa sadarkaa 2ffaa bowwoo sababa dhukkuba birootiin dhufe jedhame iddoo lamatti qoodama.

Sammuu keessattii fi qaamota sammuufi lafee sammuu/buqqee jiduu jiran keessatti dhiigni jiguun, Manjalloofi infeekshiiniin tokko tokko, akkasumas miidhamni/rukutamuun sammuu fa’a sababa ta’anii dhukkubbi mataa fiduu danda’u.

Dhukkubni Bowwoo daanaa /bowwoo sadarkaa jalqabaa uumaamaan dhukkubbii mataatiif saaxilamuu irraa kan dhufudha.

Waggaa tokko keessatti dubaroonni %15 ta’aniifi dhiironni %6 tahan bowwoo kanaan rakkachuu ni danda’u jedhamee tilmaamama.

Bowwoodaanaan dhukkubbii mataa cinaa tokkoo(yeroo hedduu) ykn cinaa lachuutiin alattis mallattoolee armaan gadii kanas yeroo hedduu ni mul’isa jedhan ogeessi yaala Fayyaa Dooktar Nuureeddiin Lukeen.

Mallattoolee Bowwoo Mataa:-

* Nama mukeessuu/ lolloojjeessuu

* Ifa nama jibbisiisuu

* Nama haqqisiisuu

* Sagalee garaagaraa fi waca nama jibbisiisuu

* Lafti namaan maruu

* Gurri namatti iyyuu/wacuu

* Ijji namatti didimmisuu/ wanti akka qaanqee ija duratti namatti mul’achuu

* Yeroo xiqqoof of wallaaluu

* Qaamni nama hargufamuu/ akka gaggabdoo nama gochuun mallattoolee isaa keessaa isaan muraasa.

Bowwoon kun namoota isa qaban irratti sababa garagaraatiin deddeebi’ee kan dhufu ta’a.

Yeroon turtii inni itti deddeebbi’uufi yeroo namatti deebi’e hammi inni nama irra turuufiii hammi dhukkubbii isaa namaa gara namaatti garagara.

Yeroo hedduu wantootni dhukkubbii kana namatti kaasan jiraataniyyuu isaanis namaa nama irratti garagara ta’uu danda’u jedhan Dooktar Nuureediin Lukeen.

Wantoota/sababoota dhibee bowwoo mataa namatti kaasan keessaa:

* Ifa guddaa ta’eef saaxilamuu

* Waca ykn sagalee guddaa ta’e tokkoof of saaxiluu

* Beela’uu ykn nyaata yeroon nyaachuu dhabuu

* Hammaa ol dhiphachuu

* Sababa jijjirama hoormooniitiin walqabatee yeroo xurii laguu

* Hirriba gahaa ta’e rafuu dhabuun ykn hirriba heddumeessuu

* Alkoolii baay’isanii dhuguun Bowwoodaanaan akka namatti ka’u wantoota sababa ta’an keessaa isaan ijoodha.

Maloota Ittisa isaa:-

-Mana yaalaa deemuun yaalamuu

-Wantoota isa nutti kaasuu danda’an irraa of qusachuu

-Sochii qaamaa gochuu,

-Fuduraaf kuduraa itti fufiinsaan nyaachuu,

-Hirriba gahaa argachuu,

-Dhiphinarraa of qusachuu

-Alkoolii baay’isaanii dhuguurraa of qusachu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.