Fana: At a Speed of Life!

Magaalota Liibiyaa loladhaan miidhaman deebisanii ijaaruuf koonfiraansiin idl addunyaa gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC)- Magaalota Liibiyaa lolaadhaan miidhaman deebisanii ijaaruuf koonfiraansiin idil addunyaa gaggeeffameera.

Koonfiraansichi magaalota naannawaa qarqara galaanaa Liibiyaa balaa lolaa mudateen miidhaman dandamachiisuu fi haala deebisanii ijaaruun danda’amurratti mari’achuuf ta’uu The Arab Weekly’n gabaseera.

Koonfiraanichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u waliigalaan hirmaattoonni 400 argamaniiru.

Magaalota naannawaa qarqara galaanaa biyyattiitti namoonni kuma 11 ol lubbuun isaanii darbuu akka hinoolle aanga’oonni fi dhaabbileen deeggarsaa tokko tokko tilmaama isaanii ibsaa jiru.

Bu’uuraale misoomaa diriirsuu fi misoomaa manneenii irratti bakka bu’oonni fi dhaabbileen garagaraa mari’achuu koonfiraansicharratti hirmaachaa jirachuu Mootummaan Liibiyaa ibseera.

Albuudaa zayiitaan kan badhaatee Liibiyaan tokkummaa’uu dadhabuun waggoottaan 10’n darban walfalmitoota biyyattiin jeeqamaa turtetti.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.