Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti barana damma toonii kuma 114 argachuuf hojjetamaa jira – BQO

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Oromiyaatti barana damma toonii kuma 114 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Damma misoomu keessaa % 10 sharafa maallaqa alaa argamsiisuuf kan oolu ta’uu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti dameen misooma Beelladaa ibseera.

Bara kana hanga ammaattis dammi tooniin kumni7 walitti qabamuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaafi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Beelladaa Oromiyaa, Obbo Toleeraa Dabalaan himaniiru.

Yeroo ammaa gaagura aadaarraa giddu galeessaan damma kiiloograama 7, gaagura ce’umsaarraa kiilograama 21fi gaagura ammayyaarraa giddu galeessaan dammi kiiloograamni 28 argamaa jiraachuu kaasaniiru.

Barana Oromiyaatti gaagurri ammayyaan miiliyoonni 1 raabsamu dubbachuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.