Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Badhaasaa fi Maaddii qooduu sirreeffamtootaa amalaaf Mana Kitaabaa Abrihootiitti gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Manni Kitaabaa Abrihoot Mana Amala Sirreessaa Qaallittii waliin ta’uun sagantaa Badhaasaa fi Maaddii qooduu sirreeffamtootaa amalaaf taasiisaniiru.

Sirreeffamtoonni Amalaa beekkumsa isaanii akka gabbifatanii fi namuusa gaarii akka horatan yaaddamee sagantaa qophaa’e ta’uu eerameera.

Sirreeffamtoonni amalaa turtii isaanii mana amala sirreessatti taasiisan aadaa dubbisaa gabbifachuun kufaatii hamileerraa akka dandamatan, namuusa gaarii akka horatanii fi hubannoo gaarii qabatanii akka ba’aniif yaadamee ta’uu Daayrektarri Mana Kitaabaa Abrihoot Injinar Wubaayyehu Maammoon ibsaniiru.

Hogganaan Damee Sirreeffama Amalaa fi Haaromsaa Misooma Mana Sirreessaa Qaallittii Itti Aanaan Komishinara Jeneraal Dassitaa Asmallaash Badhaasaa fi sagantaa Maaddii qooduu Manni Kitaabaa Abrihoot sirreeffamtoota amalaaf taasiise galateeffachuu ragaan Mana Kitaabaa Abrihootirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.