Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Idilee Qulqulluu Sinoodoosii xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC) – Walga’iin Idilee Qulqulluu Siinoodoosii Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa xumuramuu ibsameera.

Walga’iin idilee Qulqulluu Siinoodoosii Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa kun dhimmoota Afuura, Hawaasummaa fi diinagdee mana amantichaa garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarsuun xumuramuu eerameera.

Rakkoo mana amantichaa keessatti mudate maksuun kan danda’amu hawaasni amantichaa hundi tokkummaa fi gamtaan uumaa yoo kadhatan qofa ta’uu Sinoodoosichi ibsa isaan himeera.

Rakkoo uumame adeemsa barsiifata mana amantichaa hordofuun mariin furuun kan danda’amuu fi dhaabbileen mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin kan hojjetamu ta’uu eerera.

Waa’ee nageenyaa fi tokkummaa mana amantichaaf jecha Hordoftoonni Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa guutuu addunyaarratti argaman hundi Sadaasa 15, 2016 hanga Muddee 27, 2016tti kadhannaan akka dabarsan murteesseera.
Qiddisti Birhaanuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.