Fana: At a Speed of Life!

Eegumsa fayyaa qulqullina isaa eeggate kennuuf hojiileen gaggeeffamaan cimanii kan itti fufan ta’uun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2016 (FBC)- Naannoo Harariitti hojiileen eegumsa fayyaa qulqullina isaa eeggate kennuuf hojjetaman cimanii kan itti fufan ta’uu Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badriin dubbatan.

Obbo Ordiin Badriin Aanaa Abaadiritti buufata fayyaa ammayyaa ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Sirnicharrattis buufatichi ijaaramuun hawaasni naannawichaa tajaajila fayyaa akka argatan kan taasisuudha jedhan.

Pirojektiin buufata fayyaa naannawaa Jagoolitti ijaaraman sirna ijaarsa bu’uuraa UNESCO fi duudhaalee aadaa haala eeggateen kan gaggeeffaman ta’uu himaniiru.

Ijaarsi pirojektichaas kenniinsa tajaajila fayyaa hawaasaa kan saffisisuu ta’u ibsuu TOI gabaaseera.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannichaa Yaasin Abdullaahii gama isaaniin bara baajataa kanatti damee fayyaa cimsuuf, itti quufiinsa kenniinsa tajaajila fayyaa hawaasaa fi hojiin qulqullina bu’uureffatan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Buufata fayyaa Abaadiris yeroo karoorfame keessatti xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf hojiin to’annoo fi hordoffii kan gaggeeffaman ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.