Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii Idilee 25ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

1.Manni marichaa wixinee labsii eeggumsa Daataa dhuunfarratti mari’ateera.

Galteewwan barbaachisan erga itti dabalamanii booda Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka raggaasisuuf sagalee guutuun qajeelcheera.

2. Wixinee labsii Itti Fayyadamaa fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaarraa dhiyaaterratti mari’ateera.

Wixinicha galteewwan dabalataa barbaachisan dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaachuun akka ragga’u sagalee guutuun murteesseera.

3.Wixinee Labsii Zoonii Diinagdee Addaa dhiyaateerratti mari’achuun akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf qajeelchuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.