Fana: At a Speed of Life!

Tola ooltummaa Gannaan tajaajilli Birrii biiliyoona 17tti tilmaamamu kennamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC)- Tajaajila tola ooltummaa Ganna darbeen tajaajiloonni Birrii biiliyoona 17’tti tilmaamaman ummataaf kennamuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksise.

Sadarkaa biyyaalessattis tajaajilicharratti daragaggoonni miiliyoona 21 hirmaachuun eerameera.

Sagantaan xumuraa tola ooltummaa Gannaa bara 2015 mata duree “Gaarummaa Olka’iinsa Itiyoophyaaf 2” jedhuun gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Muunaa Ahimad saganticharratti akka ibsanitti, tajaajila tola ooltummaa Gannaan dargaggoonni miiliyoona 21 fi kuma 569 hirmaataniiru.

Haaluma kanaan, tola ooltummaa sadarkaa biyyaalessatti dameewwan 13’n tajaajilli Birrii biiliyoona 17’tti tilmaamamuu ummataaf kennauu ibsaniiru.

Tajaajilooni kennamanis sagantaa ashaaraa magariisaa, arjooma dhiigaa, barnootaa itti guutiinsaa, haaromsa manneen harka qalleeyyii fi maanguddootaa fa’aa ta’uu eeraniiru.

Sagantichaanis, qaamolee tajaajillichi bu’a qabeessa akka ta’uu fi deeggarsa barbaachisaa taasisaniif beekkamtiin kennamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.