Fana: At a Speed of Life!

Malaammaltummaa qabeenya lafaarratti raawwatu ittisuuf hojmaanni qindoomina qabu barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC) – Malaammaltummaa bulchiinsa qabeenya lafaarratti raawwatu ittisuuf hojmaanni qindoomina qabu barbaachisaa ta’uu Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa beeksise.

Komishinichi hojmaata badaa fi malaammaltummaa naannawaa qabeenya lafaarratti raawwatu haala ittisuun danda’amurratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Malaammaltummaan misoomaa fi nageenya biyyaa gufachiisaa kan jiru yakka hamaa ta’uu Itti Aanaan Komishinaraa Komishinii Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Waddoo Axxoon ibsaniiru.

Yakka malaammaltummaarratti qabsaa’uun qabeenya ummataa fi biyyaa misoomaaf oolchuuf hoggansi murannoon hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Qabsoon hojmaata malaammaltummaarratti taasiifamu cimuun itti gaafatamuu fi iftoominni uumamuu akka qaba hubachiisaniiru.

Qabeenyi biyyaa faayidaa fi badhaadhina lammiileetiif akka oolu xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan.

Qabeenya lafaa sirnaan bulchuun misoomaa biyyaa fi faayidaa ummataaf akka oolu qindoominaan hojjetamuu akka qabu Ministir Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Fantaa Dajan eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.