Fana: At a Speed of Life!

Lolli Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru lubbuu lammiilee kuma 8tti hiiqanii galaafachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) – Lolli Isiraa’eelii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa jiru itti fufuun lubbuu lammiilee hedduu galaafachaa jiraachuu gabaafameera.

Hanga ammaatti Lammiileen Filisxeem kumni 6 fi 651 yoo ajjeeffaman, kumni 17 fi 439 ammoo madaa’uu CGTN gabaaseera.

Gaazaa keessatti daa’immanii fi dubartoonni lakkoofsan hedduu ta’an haleellaa raawwateen ajjeefamu ibsameera.

Lammiileen Isiraa’eel kumni 1 fi 400 ajjeeffamuus Ministeerri Fayyaa biyyaattii beeksiseera.

Namoonni kumni 5 fi 431 madaa’uu Al Jaziiraan gabaaseera.

Namoonni kumni 613 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibseera.

Lolli kun Baha Giddugaleessatti gaaga’ama olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.