Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin waloo diinagdee fi wabii nyaataa baadiyyaa gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC)-Mootummaa fi dhaabbileen tumsitootaa damee qonnaa kan cimsu waltajjiin waloo diinagdee fi wabii nyaataa baadiyyaa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti misooma diinagdee baadiyyaa fi damee wabii nyaataarratti hojmaataa garee tumsaa fi kallattiiwwan xiyyeeffannaa fuulduree ilaalchisee mariin gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, qindoominni misooma diinagdee baadiyyaa fi wabii nyaataa damee qonnaa ammayyeessuu fi dijitaalessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Damee qonnaan jijjiirama qabeenya qilleensa dandamatu uumuuf, qaamoleen dhimmichi ilaallatuu, misoomaa qabeenya umamaa, eegumsaa fi itti fayyadama isaa fooyyessuu akka qaban ibsuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.