Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaa magaalaa Lewistoniitti dhukaasa banameen yoo xiqqaate namoonni 16 ajjeefaman

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) – Ameerikaa magaalaaa Lewiston, bulchiinsa Mee’in keessatti dhukaasa banameen yoo xiqqaate namoonni 16 ajjeefamuu Poolisiin biyyattii beeksise.

Namni maqaan isaa Roobert Kaard jedhamuu umurii waggaa 40 ta’e haleellaa Mana Nyaataa fi iddoo taphaatti raawwateen lubbuu lammiilee hedduu galaafachuu ibseera.

Namoonni 50 ol ta’an ammoo madaa’uu ibsameera.

Namni haleellaa kana raawwate kun miliquun yeroo ammaa barbaadamaa jiraachuu BBC fi AP gabaasaniiru.

Namni kun bulchiinsa Meeyin magaalaa Sookkoo keessatti barsiisaa dhukaasa meeshaalee waraanaa kan ture ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.