Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin hojii Kilaastara Bulchiinsaa fi Horataalee Mootummaa Oromiyaa gamaaggamame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC)- Raawwiin hojii baatiiwwan sadan darbanii Kilaastara Bulchiinsaa fi Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa gamaaggamame.

Waltajjii gamaaggamichaarratti Pireezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Kilaastarri Bulchiinsaa fi Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hojiilee Seektara Bulchiinsaa fi horataalee jedhamanii adda bahani fi toora xiyyeeffannoo mootummaa ta’an qrataman ta’uu ragaan wajjiira Pireezidaantii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Obbo Awwaluu Abdii waltajjicharratti, karoora bara kanaa milkeessuuf Biiroo fi seektarri Bulchiinsaa fi horataalee, itti gaafatamuummaa dachaa qabu jedhan.

Hojiilee Kilaastarichaan hanga ammaatti hojjetamaniin osoo itti hinquufin yeroo ittaanan keessattis karooraa ol raawwachuun karoora xiiqii milkeessuuf hojjechuun murteessa ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.