Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan humnaa fi weeraraan fedhii milkeeffattu tokkollee hinqabdu-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan humnaa fi weeraraan fedhii ishee milkeessitu tokkollee akka hinqabnee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad mirkaneessan.

Dooktar Abiy Ahimad, guyyaa raayyaa Ittisa Biyyaa 116ffaa har’aa kabajamerratti argamuun ergaa dabarsaniin, Raayyaan Ittisa Biyyaa kaayyoo Itiyoophiyaa caalchifatu hinqabu jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa, kan gurmaa’ee fi gaggeeffamu Itiyoophiyaanotaan, kan hojjetuu Itiyoopiyaaf ta’uu eeranii, kunis dhaabbata yaadaa ‘yoo jiraannu lammii Itiyoophiyaa, yeroo dabarru Itiyoophiyaa taanaa’ jedhu, ifatti argisiiseedha jedhan.

Yoo lubbuun jirru lammii Itiyoophiyaa, wayita dabarru ammoo Itiyoophiyaa ta’uu kabajni caalu waan hinjirreef filannoo sirriidha jechuun ibsaniiru.

Guyyaan hundeeffama Raayyaan Ittisa Biyyaa wayita kabajamu, Itiyoophiyaan humna kamiinuu injifatamtee kan hinbeekne, ammallee hininjifatamne, weeraramtee hinbeekne; kan weerartus akka hintaane hubachiisuufi jedhan.

Dabalataan, raayyichi, akkuma maqaa isaa Raayyaa Ittisaa ta’e yeroo tokkoofillee haleellee, ajjeessuu, balleessuu bu’uureffachuun hojjetee kan hinbeekne ta’uu yaadachiisanii, maqaan isaas ittisuuf waan ta’eef ammas eenyuuniyyuu akka hinhaleellee dubbatan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa biyya keessatti qofaa utuu hintaane, biyyaa alaattillee nagaa kabachiisaa kan ta’uun beekamu ammas nagaa kabachiisaa ta’ee biyya keessaa fi alatti kan hojjetuudha jedhaniiru.

Yeroo dhiyoo as Itiyoophiyaan, dhimmoota tokko tokkorratti mari’achuu barbaachisa gaaffii jedhuu wayita kaastu, weerarri gaggeeffamuu mala sodaan jedhuu ni dhaga’ama kan jedhan Ministiri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan humnaa fi weeraraan waan milkeessitu tokkollee akka hinqabne mirkaneessaniiru.

“Faayidaa, guddinaa fi badhaadhina waloof dhimmoota hundumaa injifatoo taasisan obboloota keenya waliin mari’achuun, faayidaa waloo kan kabachiisnu malee, humnaan fedhii keenya milkeessuuf obbolootaa keenyarratti kan hindhukaafne ta’uu jala mureen mirkaneessa” jedhan.

Biyyaa jibbuu fi dhaabbata diiguun akkuma biyyoota Afrikaa birootti mul’atee, biyya keenyaattis yaaliiwwan hinmilkoofne gaggeeffamuu eeranii, biyya, dhaabbata, obbolummaa fi walooma Itiyoophiyaa diiguun gochaa hinmallee ta’uu hubachuun irraa barachuu qabna jedhaniiru.

Rakkoon yoo jiraates mariin furaa adeemuun baratamuu akka qabuu akeekanii, oboleessii obboleessaa ajjeessa itti fufuu akka hinqabne dubbataniiru.

Lolaan injifachuurraa nagaan injifachuun waan wayyuuf, Itiyoophiyaa mariidhaan bu’uuressuun dhalootaa ittaanutti ceessisuuf haa tattafannu jechuun dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.