Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Kantibaa magaalaa Atlaantaa waliin dhimmoota hariiroo waloorratti mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Kantibaa magaalaa Atlaantaa Andiree Diikanis waliin dhimmoota hariiroo waloorratti mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo Daldalaa, Invastimantii, Barnootaa, ce’umsa Teeknooloojii, Aadaa fi Turiziimii caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru jedhame.

Erga Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii kallattii gara Atlaantaatti eegalee hariiroon ummata magaalota lamaanii caalmaatti cimaa dhufuu eerameera.

Lakkoofsi namoota Finfinnee daawwachuuf dhufaniis dabaluu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Yeroo itti aanu hariiroo magaalota lamaanii caalmaatti guddisuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Aadde Adaanach turtii Atlaantaatti taasiisaniin Dooktareetii Kabajaa fi Badhaasa Lammummaa Kabajaa Joorjiyaa argatanii fi simannaa hoo’aa Kantibaa Andiree Diikanis taasiifameefif galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.