Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Dooktireetii kabajaa argatan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Ameerikaa Tiriinitii Internaashinaal Ambaasaadar Yuunivarsiitirraa Dooktareetii kabajaa argataniiru.

Bulchiinsa Joorjiyaarraa ammoo badhaasa lammummaa kabajaa argataniiru.

Kantiibaa Adaanech fayyadamummaa ummataa fi nageenyaaf gumaacha olaanaa taasisaniin, ga’umsa hooggantummaa cimaa argisiisaniif hoggantoota sadarkaa addunyaarratti argamaniif fakkeenyaa fi kaka’umsa kan uumu ta’uun Yuunivarsiiticharraa Dooktireetiin kabajaa kennamuufii Chaansilarri Yuunivarsiitichaa Dooktar Zhikiliin Mohaayer ibsaniiru.

Jireenya jiraattota sadarkaa gadaanaarra jiranii  jijjiiruu fi fayyadamummaa haqa qabeessaa jiraattotaa mirkaneessuuf kutannoo argisiisanii fi hojiilee fakkeenyaa hoggantootaa biyyoota biroof fakkeenya ta’u  hojjechuu isaaniin Bulchiinsa Joorjiyaa irraa Badhaasni Lammummaa kennamuufii Seenaatarri bulchiinsichaa Gaayil Deevanpaarti waltajjicharratti dubbataniiru.

Aadde Adaanech waltajjicharratti haasawaa taasisaniinis, milkaa’ina kanaaf qaamolee gumaacha taasisan hundaa galateeffachuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.