Fana: At a Speed of Life!

Qarqara Galaanaa Kaaba Jarmanitti dooniwwan walitti bu’uun namoota hedduurra miidhaa qaqqabsiisuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Qarqara Galaanaa Kaaba Jarmanitti Dooniwwan meeshaalee fe’an lama walitti bu’uun namoonni hedduun achi buuteen isaanii dhabamuu ibsameera.

Ganama Har’aa Dooniin Alaabaa Biriitaaniyaa mirmirsaa turte Veeriitii jedhamtu, Doonii Baahaamiiyaa Poolasii jedhamtu waliin walitti bu’uun dhidhimuun ishee hin oolle jedhame.

Veeriitiin Kaaba Jarman Magaalaa Bireemanii gara Yuunaayitiid Kiingidam Imiilngihaamitti imalaa turte Doonii Hambargii ka’uun gara Ispeen Laakooruunyaatti imalaa jirtu waliin walitti bu’uu ibsameera.

Balaan kun Qarqara Galaanaa odola Jarman Heeliigoolaanditti ta’uu ibsameera.

Ka’umsi balichaa hanga ammaatti hin beekkamne jedhamuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.