Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waraana kan qopheessitu Ummata ishee tiksuufi – Jeneraal Ababaaw Taaddasaa

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan waraana kan qopheessitu sadarkaa duraatti Ummataa ishee tiksuufi jedhan Itti Aanaan Itaamaajoorii Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Jeneraal Ababaaw Taddasaan.

Jeneraal Ababaaw Taddasaan guyyaa Raayyaa Ittisaa 116ffaa sababeeffachuun ibsa kennaniiru.

Riifoormii gaggeeffamee bu’uura taasiisuun Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf guyyaa Ministeera Raayyaa Ittisaa itti moggaafteetti guyyaa Raayyaa Ittisaa kabajuu danda’uu ishee ibsaniiru.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa hundeeffama isaarraa eegalee humna qormaata mudatu hunda darbuu kan danda’u ta’uu Guyyaan Raayyaa Ittisaa guyyaa seenaa qabeessaa kana akka kabajamu taasiifamuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan Raayyaa Ittisaa guddaa yeroo hunda ummata waliin ergama isaa, biyyaa fi ummata eeguun as ga’e Raayyaa Umrii dheeraa qabu ta’uu kaasaniiru.

Kaayyoon guyyichaa gootota biyya isaanii diinarraa ittisuuf wareegamaan yaadachuu ,waadaa isaanii eeguun dhaloota itti aanuuf ceesisuuf kan waadaa itti galamu ta’uu jeneraal Ababaaw ibsaniiru.

Guyyichi qophiilee garaagaraan sadarkaa Dhaabbataatti kabajama jiraachuu ibsuun, akka biyyaatti Onkololeessa a 15, 2016 ummataa waliin kan kabajamuu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.