Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waggaa Dhaabbata Gamtaa Poolisoota Ajajootaa Afrikaa Bahaa Onkololessa 14 gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Yaa’iin waggaa Dhaabbata Gamtaa Poolisootaa Ajajootaa Afrikaa Bahaa 25ffaan Onkololeessa 14, 2016 akka gaggeeffamu ibsame.

Interpolii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi Ittigaafatamaan Qajeelacha Walta’iinsa Poolisii Idil Addunyaa Koomishinara Gargaaraa Dajanee Baqqalaa, yaa’ii waggaa Dhaabbata Gamtaa Poolisootaa Ajaajootaa Afrikaa Bahaa qopheessummaa Burundiin Onkololessa 14, 2016 Bujumburaatti akka gaggeeffamu ibsan.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni miseensota Dhaabbata Gamtaa Poolisoota Ajajootaa Afrikaa Bahaa fi bakka bu’ooni dhaabbilee nageenyaa fi tikaa idil addunyaa yaa’ii waliigala kana irratti akka hirmaatan ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Koreen Qindeessaa Dhabbata Gamtaa Poolisoota Ajajootaa Afrikaa Bahaa fi koreewwan xixiqqaan dhimmootaa seeraa, farra shororkeessummaa, barnoota fi leenjii, koornayaa, nageenya saayibarii fi teekinikaa koree olaanaa jalatti argaman guyyaa har’aa walga’ii gaggeessaniiru.

Bu’aan walga’ichaas yaa’ii waliigalaa gamtichaarratti dhiyaachuun murteewwan garaagaraa akka dabarfaman ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.