Fana: At a Speed of Life!

Magaalota 11 keessatti hojiin sarara raabsaa elektirikii deebisanii ijaaruu Doolara miiliyoona 102‘n eegaluufi

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Magaaloota 11 keessatti sararaa raabsa elektirikii Doolara miiliyoona 102 ‘n deebisaani ijaaruuf ta’uu Tajaajjili Elektirikii Itiyoophiyaa beeksise.

Tajaajilichatti Daayrektarri Korpooreet Kominikeeshinii Obbo Malaakuu Tayyeen turtii Faanaa Biroodkaastingi Korpooreet waliin taasisaniini, sababa moofaa’uu sarara raabsa elektirikaan magaloottatti addaan ciccitiinsi humnaa mudachaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoo kana furuuf magaaloota filatamaan 11tti sarara raabsa elektirikii deebisaanii ijaaruu fi humnaa isaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu eeraaniiru.

Magaalaa Finfinneetti Doolaraa miiliyoona 57‘n marsaa 4ffaaf fooyyeessa raabsaa neetwoorkii taasisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Magaaloota kanneen akka Asoosaa, Amboo, Jigjigaa, Naqaamtee ,Dabirabirhan, Bishooftuu, Asallaa, Dillaa, Hoosaanaa fi Sulultaatti Doolaara miiliyoona 45‘n hojiin fooyyeessii Neetwoorkii kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Pirojektichi liiqii Baankii Addunyaarraa argamen kan hojjetamuu yoo ta’u, ijaarsi pirojektiiwwan kanneenii wayita xumuramaan rakkoon addaan ciccitiinsa humna elektirikii kan furamu ta’uu Obbo Malaakuun kaasaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.