Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi itti quufiinsa ummataa caalmaan guddisuuf akka hojjetu gaafatame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016(FBC)- Leenjiin hoggantoota ol’aanoo fi giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa ture xumurameera.

Xumuramuu leenjichaa hordofee Pireezidaantiin Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ergaa dabarsaniin, leenjitoonni galtee leenjiirraa argatan hojiitti hiikuun itti quufiinsa ummataa haala mirkaneessuun hojiilee nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaariin caalmaan bu’aa argamsiisuuf akka carraaqan hubachiisaniiru.

Akkasumas “Badhaadhina hunda galeessaa mirkaneessuuf imala keenya akka saffisiisatan imaanaan jedha” jedhaniiru.

Magaalota 10’tti hoggansa giddugaleessaa fi olaanoo kuma 12’f guyyoota 12’f leenjiin kennamaa ture milkaa’inaan xumuramuu ibsanii, leenjichis haala karoorfameen bu’aa qabeessummaan akka gaggeeffamuuf qaamolee gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Leenjichis ga’umsa hoggansaa sadarkaa olaanaan kan ijaare, paartichaa fi mootummaa kan cimsu akkasumas fayyadamummaa gama maraa ummataa kan guddisu ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarasaniin eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.