Fana: At a Speed of Life!

Nyaata mana barnootaan Finfinneen magaalaa muuxannoon irraa qooddatamu taate filatamte

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Sagantaa nyaata mana barnootaan Finfinneen biyyoota birootiin magaalaa muuxannoon irraa qooddatamu taatee filatamuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech, Waltajjii Gamtaa Nyaata Manneen Barnootaa Idil Addunyaa Faransaay Paarisitti gaggeeffamerratti, Finfinneen biyyoota biroon muuxaannoo kan irraa qooddatamu ta’uun filatamuutti kan boonaan ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Barattoonni mana barnootaa sadarkaa 1ffaa sagantaa nyaata mana barnootaan fayyaamtoota ta’an bu’aa jajjabeessaa argamsiisaniin, sababa hanqina nyaataan harcaatiin barattootaa hir’aachuun, carraa hojii haadholiif uumame, sagantichi qonna magaalaa waliin qindaa’uu fi giddugaloota nyaataa hundeessuun sagantichaa waarinaan gama hogganuun, fakkeenyummaan Magaalaa Finfinnee biyyoota birootiin qooddatamuu akka qabu waltajjicharratti ka’uu ibsaniiru.

Fuuldurattis saganticha qaama ijaarsa dhalootaa taasisuun daran cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.