Fana: At a Speed of Life!

Boordichi qabiinsa namoomaa shakkamtoota Awaash Arbaatti argamanii daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)- Boordiin Qorannoo Raawwii Labsii Yeroo Ariifachiisaa rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraatti mudatee hordofee qabiinsa namoomaa namoota yakkaan shakkamuun Giddugaa Tursiisaa Awaash Arbaatti argamanii daawwateera.

Daawwannichaan cinaattis miseensonni boordichaa shakkamtoota waliin mari’ateera.

Wayita marichaattis, rakkoo nageenyaa Naannoo Amaarratti mudatee hordofee shaakkamtootaa adeemsa qorannoo saffisiisuun shakkamtoota yakkarratti hirmaatan addaa baasuun murtii seeraa dhiyaachuu akka qaban shakkamtoonni kaasuu Walitti Qabaa Ittaanaan Boordichaa Dooktar Najaat Girmaan dubbataniiru.

Shakkamtoonis tajaajila bilbilaa, miidiyaa, akksumaas nyaata, bishaanii fi ciisichaa argachaa jiraachuus taajjabuu ibsan.

Qabiinsaa mirga namoomaan walqabatees shakkamtoonni sarbamni isaanirra ga’e kan hinjirre ta’uu Miseensii Boordichaa Dooktar Abrahaam Bartaa mirkaneesuu TOI gabaaseera.

Shakkamtoonni gama isaaniin, kanneen yakka keessatti hirmaatan adda baasuun seeraaf dhiyeessuu fi kanneen hinhirmaanne gara maatii isaaniitti akka deebi’an gama taasisuutiin adeemsichi akka saffisuuf gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.