Antooniyoo Guutareez Karra Gaazaaf deeggarsi namoomaa dhiyaatu Raafaah daawwatan
Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Karra Gaazaaf deeggarsi namoomaa dhiyaatu Daangaa Ijibtiitti kan argamu Raafaah daawwataniiru.
Deeggarsa dhiyeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu hordofee Guutareez Raafaahitti argamuun daawwannaa taasiisuu isaanii ibsameera.
Xiyyaaroonni Fe’umsaa fi konkolaattoonni gurguddoon karaa Karra Raafaahin deeggarsa namoomaa imalchiisaa turanis hanga ammaatti Gaazaa Sarxi ga’uu hin dandeenye jedhame.
Deeggarsi kun saffisaan lammiilee miidhamaniif akka qaqqabu qaamoleen dhimmi ilaallatu, keessattuu Ijipti, Isiraa’eelii fi Ameerikaan mari’achaa jiraachuu Guutareez ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Raafaah daangaa ce’umsa Filisxeem to’annoo jala hin oolle yoo ta’u, gaaffii Ameerikaan karrichi daddabarsa deeggarsa namoomaaf akka oolu waliigalamuu ‘India Times’ gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.