Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Baahireen walta’iinsa daldalaa isaanii guddisuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Baahireen walta’iinsa daldalaa fi tuuriizimii isaanii guddisuuf waliigalan.

Baahireenitti Ambaasaaddarrii Waajjira Qonsilaa Jeneraalaa Itiyoophiyaa Shifarraa Gannatee Ministira Mana Qopheessaa fi Qonnaa Biyyattii Injiinar Waaliil Biin Naasir Al Mubaarak waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin walta’iinsa daldalaa biyyoota lameen gidduu guddisuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Keessumaa oomishaalee qonnaa Itiyoophiyaa fi bu’aalee beeyladootaa gara Baahireenitti erguuf daandiilee dandeessisanirratti xiyyeeffannaan mari’achuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Biyyoonni lameen walta’iinsa dameewwan daldalaa fi tuuriizimii qaban caalmaan cimsuuf waliigalteerra ga’uunis eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.