Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad Chaayinaa Bulchiinsa Siizhiwaanitti Magaalaa Magariituu Cheengiduu daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Chaayinaa daawwannaa Shaangihaayitti taasisaniin booda Bulchiinsa Siizhiwaanitti kan argamtu Magaalaa Magariituu Cheengiduu daawwaataniiru.

Beejiingii fi Shaangaayitti aansuun Cheengduun Magaalaa Guddinaan 3ffaa ta’uun Itiyoophiyaa waliin karaalee hedduun walitti hidhamiinsa uumuun ibsameera.

Kanneen keessaas geejjiba qilleenssaa, barnoota, walta’iinsa fayyaa fi hariiroon daldalaa kanneen eeramaniidha.

Dooktar Abiy Ahimad turtii Cheengiduutiin Giddugalaa Qorannoo Horsiisaa Paandaa fi Paarkii Ekispoo Qonnaa Tiyaanfuu daawwachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Bulchiinsa Siizhiwaanitti Itti Gaafatmaan Paartii Komunistii Chaayinaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiif afeerraa laaqanaa wayita taasisanittis, dameewwan walta’iinsa cimsuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.