Fana: At a Speed of Life!

Bara kana lafa hektaara miiliyoona 3 irratti Qamadii jallisii Boneen misoomsuuf hojjetamaa jira – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC) – Bara kana lafa hektaara miiliyoona 3 irratti Qamadii jallisii Boneen misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Qonna gannaa bara oomishaa 2015/2016 keessa lafti hektaarri miiliyoonni 17.5 ol sanyiin uwwifamuu eeruun, kana keessaa hektaarri miiliyoonni 8.6 Kilaasteeran misoomuu Dooktar Girmaan ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Bara oomishaa kana keessa hojiirra oolmaan Makaanaayizeeshinii qonnaa % 50 ta’uu himuun, bara oomishaa 2016/17 keessa qonna Maakaanaayizeeshiniif xiyyeeffannoon addaa kan laatamu ta’uu kaasaniiru.

Gammachuu Beekumaa fi Yisimaaw Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.