Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 155 olitti tilmaamamu to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC)- Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 155 olitti tilmaamaman to’atamuu Koomiishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomiishinichi hordoffii Fulbaana 26-Onkololeessa 1, 2016’tti taasiseen meeshaalee galii Birrii miiliyoona 131.9 fi meeshaalee bahii Birrii miiliyoona 23.3 waliigalaan, meeshaalee kontirobaandii Birrii miiliyoona 155.2’tti tilmaamaman to’achuu ibseera.

Meeshaaleen kontirobaandii to’atamaniis uffannaalee, boba’aa, beeyladoota dhaabbii, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichaalee, konkolaattoota, meeshaalee faayaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.