Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Tajaajilaa Lammummaa fi Immigireeshinii malaammaltummaan shakkaman 42 to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Hoggantoonnii fi hojjetoonni Tajaajilaa Lamummaa fi Immigireeshinii malaanmaltummaa fi hojmaata badaan shakkaman 42 to’annoo jala oolfaman.

Kenniinsa tajaajilaa dhaabbatichaan walqabatee komiiwwan irra deddeebiin ka’an furuuf koreen Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Poolisii Federaalaa fi Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii irraa walitti baba’e kanneen gochaa malaanmaltummaarratti hirmaatan itti gaafatamtoota taasisuuf hordoffii fi qorannoo taasisaa turuu ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ergeen beeksiseera.

Haaluma kanaan korichi tajaajilamtoonni paaspoortii fi tajaajilootaa biroo tajaajilaa saffisaa fi gadii gadaanaan argachuu utuu qabanii shakkamtoonni hojmaataa walxaxaa fi uumaniin lammiilee dhamaatii hamaaf saaxiluu bira darbee baasii hinmalleef saaxilaa turuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.