Fana: At a Speed of Life!

Inisheetiivichi invastimantii daldalaa fi giddugaleessummaa walitti hidhamiinsaa cimsuuf carraa addaati- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Inisheetiiviin “Belt and Road” invastimantii daldala naannawaa fi giddugaleessummaa walitti hidhamiinsaa cimsuuf carraa addaa kan kennuu ta’uu Miniistirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biyya seenaa dilbii qabduudha.

Afriikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa gidduu balbala quunnamsiistuu taasisuun kan tursiiseen biyya teessoo quubsumaa qabduudha jedhan.

Dabalataanis, “Inisheetiiviin “Belt and Road” carraa kana tajaajilarra oolchuuf akkasuma, invastimantii daldalaa naannawaa keenyaa fi giddugaleessummaa walitti hidhamiinsaa cimsuuf carraa addaa kan nuuf kennuudha” jechuun akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.