Fana: At a Speed of Life!

Jireenya ummataa fooyyessuuf sirna cimaan ni ijaarra-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Jireenya ummtaa fooyyessuu fi fooyya’iinsi jiraatus waarina akka qabatuuf sirna cimaa ni ijaarraa jechuun Pireezidaantiin Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dubbatan.

Obbo Adama Faaraah waltajjii leenjii qondaaltotaa paartichaa mata duree “Idaarraa Gara Miindaa” jedhuun Magaalaa Arbaamincitti kennamaa jirurratti argamuun haasawaa taasisaniin, jireenya ummataa fooyyeessuun waarina akka qabaatu kan taasisu sirna cimaa ni ijaarra jedhan.

Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti ni ceessisna wayita jedhamus, qabeenya jiru badhaadhina mirkaneessuuf fayyadmuuf karoorri ga’umsa qabu bocamuu kaasan.

Yeroo gababaa keessattis badhaadhina mirkaneessuuf paartii ilaalcha, sadarkaa fi yaada qajeelaa ta’uu ibsaniiru.

Waltajjichis caalmaan walirraa barachuu fi muuxannoo waljijjiiruuf faayidaa olaanaa akka qabu eeruun, giddugaloota 10’tti hoggantoota kuma 12’f leenjiin kennamuu himaniiru.

Leenjicharraa galtee argame fudhachuun raawwiiwwan gaarii jiran eegsisuun, bal’isuun fuulduratti tarkaanfachiisuun kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Dandeettiin nageenya fooyya’aa fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu akkasumas misooma saffisiisu akka uumamuu abdii qaban eeraniiru.

Hoggansis ergama caaluuf of qopheessuun bu’a qabeessummaa fooyya’aaf of qopheessu akka barbaachisu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.