Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti lammiilee balaa lolaan buqqa’aniif deeggarsi Birriii miiliyoona 14 taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2016 (FBC)- Naannoo Gaambeellaatti lammiilee balaa lolaan qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 14 olitti tilmaamamu taasifame.

Deeggarsichi dhaabbiilee tumsitoota, ‘World Vision’, ‘Save The Children’, ‘Action Against Hunger’ fi Mana Maree Goodaantootaa Noorweey ta’uun ibsameera.

Deeggarsi taasifames, uffannaa qorraa, meeshaalee mana keessaa fi qulqullinaa akka ta’e ibsamuu ragaan Kominikeeshinii Naannicharraa argame ni mul’isa.

Deeggarsi taasifamees Abbootii warraa kuma 2 fi 378 fayyadamoo kan taasise ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.