Fana: At a Speed of Life!

Dhukkubni Kalee maali?

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2016 (FBC) – Dhukkubni kalee sababoota garaagaraatiin fayyummaan kalee miidhamee dhiiga qulqulleessuu dadhabuun dhangala’aan xurawaan qaama keessatti kuufamee miidhaa kan geessisudha.

Mallattoolee dhukkuba kalee:

Dadhabbii qaamaa, fedhiin nyaataa hir’achuu, dhiibbaan dhiigaa ol ka’uu, ol deebisiisuu, fincaan baay’achuu/xiqqaachuu, dhiita’uu qaamaa, waraansa fi mallattoo dhibee Kaleeti jedhame.

Waantota dhukkuba kaleef nama saaxilan:

Dhukkuba sukkaaraa, dhibbaa dhiigaa, qorichoota ajaja ogeessaa malee fudhachuu, furdina humnaa olii, tamboo xuuxuu, alkolii baay’isanii dhuguu, ujummoon fincaanii miidhamuu, soorata fayyaalessa hin taane (cooma, ashaboo… baay’isuu), dullumni wantoota dhibichaaf nama saaxilan keessaa isaan hangafa ta’uu eerameera.

Tooftaalee Ittisa Dhukkuba Kalee

  • Haala fayyumaa ofii qoratamuun yaalii barbaachisaa taasisuu
  • Qoricha ajaja ogeessaan qofa fudhachuu
  • Ulfaatina qaamaa sirrii qabaachuu
  • Bishaan ga’aa dhuguu(guyyaan litira 2-3)
  • Tamboo xuuxuu fi alkolii baay’isuu dhiisuu
  • Nyaata madaalawaa soorachuun maloota dhibee kale ittisuuf oolan keessaa muraasa ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.