Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin idil addunyaa dubartoota misooma bunaarratti bobba’an hirmaachise Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)- Yaa’iin idil addunyaa dubartootaa misooma bunaarratti bobba’an biyyoota 33rraa walitti baba’an hirmaachise Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Kaayyoon yaa’ichaas hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa damee misooma bunaarratti bobba’an mirkaneessuu fi rakkoolee damichaa mudatan furuuf kallattiiwwan furmaataa imaammataa fi tarsiimoon hammatame akka ba’u akeekuuf ta’uun himameera.

Yaa’icharratti sadarkaa idil addunyaatti biyyootaa 33 irraa dubartootaa fuuncaa sonaa damichaarratti bobba’an, daldaltoota bunaa fi qaamolee dhimmichi ilaalatu hirmaachaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Ministirri Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee dabalatee qondaatonni olaanoon mootummaa argamniiru.

Itiyophiyaan qabeenya kuufamaa damee bunaatiin qabdu sagantaan beeksisuu akka gaggeeffamus ibsameera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, hirmaattonni naannawaalee buna oomishan filataman ni daawwatus jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.