Fana: At a Speed of Life!

Alaabaan ibsituu bilisummaa, cimina, jaalala biyyaa fi gootummaa Itiyoophiyaanotaati-Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)- Alaabaan bilisummaa, cimina, jaalala biyyaa fi ibsituu gootummaa Itiyoopohiyaanotaati jedhan Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay.

Guyyaan Alaabaa Biyyaalessaa Mooraa Ministeeraa raayyaa Ittisa Biyyaatti kabajamaeera.

Guyyichi mata duree “Olka’insi Alaabaa Keenyaa Wabii Tokkumma Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati” jedhuun kabajameera.

Saganticharratti Dooktar Abirahaam Balaay akka jedhanitti Alaabaan bilisummaa, cimina, jaalala biyyaa fi ibsituu gootummaa Itiyoophiyaanotaati.

Alaabaan Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin walitti hidhamiinsa addaa kan qabu ta’uu eeruun, Raayyaan yeroo hundaa alaabaa of dursee waa’ee biyyaa yaadaa kan jiraatuudha jedhaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaa hundaanis ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.