Fana: At a Speed of Life!

Godina Qellem Wallaggatti lafa hektaara kuma 95 oli irratti Ruuziin misoomaa jira

Finfinnee, Onkololeesa 4, 2016 (FBC) – Godina Qellem Wallaggatti lafa hektaara kuma 95 oli irratti Ruuziin misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Itti Aanaa Waajjira Qonnaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Darajjee Qannaa godinichatti qonna gannaan midhaan gosa garagaraa lafa hektaara kuma 200 fi kuma 95 ol irratti misoomaa jira jedhu.

Kana keessaa hektaarri kuma 95 ruuziin misoome, haala gaarii irratti akka argamu himaniiru.

Lafa Misoome kana irraas callaan kuntaalli miiliyoona 3 ol akka abdatamu Obbo Darajjeen eeruu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.