Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha Maaraatoonii Tooroontoon Atileetoonni Itiyoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Onkololeesa 4, 2016 (FBC) – Fiigicha Maaraatoonii Kaanaadaa magaalaa Tooroontootti gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa injifataniiru.

Dorgommii dubartoota gidduutti gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa 1ffaa hanga 4ffaa ba’aniiru.

Atileet Buzee Dirribaan sa’aatii 2 fi daqiiqaa 23 fi sekondii 11 1ffaa yoo injifachuun, Waagaanash Makkaashan sadarkaa 2ffaan xumurteerti.

Dorgommii dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atileetiin Keeniyaa Eeviis Kiipichoogeen sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, Atileetiin Itiyoophiyaa Addunyaa Taakkalaan sadarkaa 2ffaan bu’uun xumureera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.