Fana: At a Speed of Life!

Turki Afrikaa waliin tumsa faayidaa waloorratti hundaa’e ni taasifti–Eerdoohan

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Turki Afrikaa waliin walta’iinsa faayidaa waloorratti hundaa’ee kan taasiftu ta’uu Pireezidaantiin Turki Reesiip Xaayib Eerdoohan ibsan.

Eerdoohaan yaa’ii 14ffaa Fooraamii Biziinaasii fi Dinaagdee Afrikaa-Turkii irratti haasawaa taasisaniin, abbotiin qabeenyaa Turki invastimantiin Afrikaatti taasiisan Doolaraa biiliyoona 10 qaqqabuu dubbataniiru.

Dhaabbiileen Turkii Afrikaatti, anniisaa, nyaata, qonnaa fi pirojektiiwwan bu’uuraalee misoomaarratti hirmaachuu ibsaniiru.

Hariiroo Turkii fi Afrikaa waggoottan 20’f ture cimaa dhufuu isaan daldalaa fi invastimantii guddisuuf xiyyeeffannoon akka kennamuu gaafachuun, Turki milkaa’ina Afrikaa akka milkaa’ina isheetti kan ilaaltuudha jedhan.

Fuulduratti Naannawaa Daldalaa Walabaa Afrikaa daldalaa fi invastimantiif carraa olaanaa kan uumuu ta’uu amantaa qaban ibsuu RT’n gabaaseera.

Ministirri Daldalaa Turkii Omeer Boolat, fooramichi hariiroo daldalaa fi dinaagdee Afrikaa fi Turkii giddu jiru foyyeessuu fi walta’iinsa haaraa adda baasuuf carra ni uumaa jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.