Fana: At a Speed of Life!

Farreen Midhaanii ittisuuf hirmaannaa olaanaan taasifamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Ilbiisota oomisha qonnaarratti dhiibba uuman ittisuuf hirmaannaa olaanaan taasifamaa jiraachuun ibsame.

Oomishi hir’achuuf sababa kan ta’an farreen midhaanii kanneen akka Awwaanisaa, Raammoo Geerii fi Simbira Girrisaa biyyattii naannolee garagaratti mul’atan ittisuuf hojiileen bal’aan hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli kominikeeshinii mootummaa eereera.

Tajaajilichi ibsa miidiyaaleef kenneen, Awwaannisni Gammoojjii naannolee shanii fi bulchiinsa magaala tokkotti mudachuu ibseera.

Haaluma kanaan Awwannisa Gammoojjii godinaalee 14 naannolee Oromiyaa, Afaar, Somaalee, Tigraay fi Magaalaa Dirree Dhawaatti mudaachu eerameera.

Awwannisni Gammoojji oomishaalee qonnaa lafa hektaara kuma 25 irraan miidhaa ga’u malu hirmaannaa hawaasaa fi mootummaan ittisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kana malees, Raammoon Geeriin naannolee Oromiyaa, Tigraay fi Afaaritti mudachuun oomisha lafa hektaara kuma 317’rraan miidhaa geessuu eerun hanaga ammaatti hojiilee ittisaa hojjetamaniinis lafa hektaara kuma 283’rraa ittisuun danda’ameera jedhan.

Simbiraa Girrisaa ittisuufis hojiin xiyyaaraan biiffaa keemikaalaa gaggeessuun hojjetamaa akka jiru eeranii farreen midhaanii kunneen naannolee birootti akka hinbabal’anneef hirmaannaa bal’aan taasifamaa akka jiru Ministir Deetaan Tajaajilaa Kominikeeshinii Mootummaa Salaamaawwiti Kaasaan ibsa miidiyaaleef kennaaniin dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.