Fana: At a Speed of Life!

Irreechi Malkaa Ateetee, Sabbataa fi Caffee Tumaa boruu kabajama

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Ayyaanni Irreechaa Malkaa Ateetee, Malkaa Sabbataa fi Caffee Tumaa guyyaa boruu Onkololeessa 4, 2016 kabajama.

Sirni Kabajaa Ayyaana Irreechaa kun Bulchiinsaa Magaalaa Shaggaritti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan Irreechi Malkaa Ateetee Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujee, Irreechi Malkaa Sabbataa kutaa Magaalaa Sabbataa fi Irreechi Caffee Tumaa kutaa Magaalaa Galaanitti akka kabajamau ragaan bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ayyaana Irreechaa kun karaa duudhaa, safuu isaa eeggateen nagaan akka gaggeeffamuuf haaldureewwan barbaachisan xumuramu iibsameera.

Kanaanis kutaalee Magaalaa murteessa waan ta’eef kilaastara,sabbataa, Burrayyuu fi Galaan Milkaa’inaa Ayy aanaa kanaaf qindoominaan hojjachaa jiraachuun eerameera.

Dabalataan, Abbootin Gadaa, Hawaasni, dargaggoonni ayyaana Irreecha duudhaa isaa eeggatee miidhaginaan akka qophiilee bal’aan taasifamuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.