Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafti hektaarri kuma 600 ol oomisha mishingaatiin misoomeera- Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara kana lafa hektaara Kuma 400 ol oomisha mishingaatiin uwwisuuf karoorfamee, lafti hektaarri kuma 600 ol oomisha mishingaan misomee jiraaachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan eeran.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, barri darbe milkaa’iinsaa fi muuxannoo hedduun kan dabalame ture.

Iccitiin milkaa’insa keenyaa raawwii kutannoo siyaasaa, hirmaannaa ummataafi beekumsa saayinsaawaa irratti hundaa’e.

Bara kanas harka duwwaa as hinceene kan jedhan Pireezidaanti Shimallis, jalqabbii milkaa’iinsaa qofa osoo hin taane, muuxannoo gahaa qormaatilee dura dhaabbachuun milkaa’iinsa akka akeeknu nu dandeessisu waliin ta’uu kaasan.

Haalli mijatoo kunneen dameelee hunda irratti daran cimnee akka hojjennu kan nu kakaasaniidha.

Qonnaa keenya yemmuu ilaallu jalqabbiin milkaa’insaa kan itti mul’dhate qofa osoo hin taane gara fuula duraatti milkaa’iinsa kana jabeessuun caalaatti bu’aa qabeessaa ta’uun akka danda’amu kan itti agarreedha.

Muuxannoo bara darberraa fudhanneen har’i kaleessarra fooyyee akka qabaatu cichinee hojjechuudhaan ala filannoo biraa hin qabnu.

Hundaa’ol, badhaadhina hunda galeessaa akka biyyaatti dhugoomsuuf kaawwanne bira gahuuf damee dinagdee qonnaa amma jalqabbii gaariirra gahe kana daran ammayyeessuun dirqama ta’uu hunduu hubatee socho’uu qaba.

Haaluma kanaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf innisheetivota hojjetama jiran keessaa mishingaan isa tokko.

Mootummaan keenya, naannaawa hanqinni roobaa jirutti gosa mishingaa goginsa damdamatuufi oomisha olaanaa kennu babal’isuu irratti argama.

Haaluma kanaan naannaawa gammoojjii Oromiyaatti horsiisee bultoota kilaastaraan gurmeessuun mishingaan bal’dhinaan akka misoomu gargaaruu irratti akka argamu ibsan.

Akka Naannoo Oromiyaatti bara kana lafa hekt. 464,821 oomisha mishingaatiin uwwisuuf karoorfamee, karooraa ol, lafti hektaara 639,105 misomee jiraaachuu dubbatan.

Kun misooma mishingaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbilleetti argamuufi haala gaarii irratti argamuudha jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.