Fana: At a Speed of Life!

Naannaawi horsiisee bulaa Cinaaksaan fuula seenaa haaraatti cehaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)-Naannaawi horsiisee bulaa Cinaaksaan fuula seenaa haaraatti cehaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.

Pireezidaanti Shimallis, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti warraaqsi seektara qonnaa, keessumaa misooma qamadii irratti jalqabne, guutuu Oromiyaatti, baddaafi gammoojjii yookaan naannaawa horsiisee bulaatti karooraa ol milkaa’aa akka jiru himaniiru.

Sochii Tarkaanfilee Addaa qonna irratti fudhachuun fedhii hawaasa keenyaa ol oomishuun, dandeettiin misoomuu naannaawa adda addaa mul’achaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojii mootummaan jijjiiramaa kutannoodhaan raawwachaa jiruun, dhimmoonni hanga ammaa hinyaalamnee fi ni milkaa’u jedhamanii hinyaadamne bu’aa agarsiisaa jiru jedhan.

Kilaastarri qamadii Godina Harargee Bahaa, naannaawa horsiisee bulaa Aanaa Cinaaksaan, midhaan qamadii waan hinyaadamne fakkaachaa ture yeroo ammaa misoomuun haalaa gaariirrattii akka argamu dubbataniiru.

Beeylada cinaatti, ooyiruu isaanii bifa ammayaa’een misoomsurratti kan argaman ta’uu eeruun, hojiilee bu’aa argamsiisa jedhamee hineegamnerraa bu’aa arguun, firii eyyamummaa hawaasa naannawichaa, kutannoo siyaasaa fi seektaricha beekumsaan duursuu akka ta’e akeekaniiru.

Naannaawi horsiisee bulaa Cinaaksaan fuula seenaa haaraatti cehaa jiraachuu eeruun raawwiin Cinaaksaanitti argamees, kutannoon yoo hojjenne, wanti hinmilkoofne akka hinjirre fakkeenya ta’ee kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.