Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Waliigalaa fi Koolleejjiin Meedikaalaa Nageellee Arsii barattoota ogummaa fayyaa garagaraan leenjisaa ture 208 eebbisiise

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC) – Hospitaalli Waliigalaa fi Koolleejjiin Meedikaalaa Nageellee Arsii barattoota ogummaa fayyaa adda addaan leenjisaa ture 208 marsaa 3ffaaf eebbisiiseera.

Barattootni Meedikaal Raadiyooloojii, Narsiingii, Anisteezhiyaa, Faarmaasii fi Kilinikaal Nursiingiin barsiisaa ture eebbisiisuu Diiniin Koolleejjichaa Dooktar Balaay dubbataniiru.

Abbaan qabeenyaa Hospitaala Waliigalaa fi Koolleejjii Meedikaalaa Nageellee Arsii Dooktar Guddataa Hinnikaan, barattoonni ogummaa fayyaan eebbifaman ogummaan argataniin hawaasa isaanii seeraan tajaajiluu qabu jedhan.

Rakkoo qulqullina barnootaa furuuf maatiin, barsiisonni fi hooggansi barnootaa qindoominaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.