Fana: At a Speed of Life!

Argisiisni Idil Addunyaa Konistraakshinii Finfinneetti baname

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC)- Argisiisni konistiraakshinii Idil-Addunyaa ’Ethio Con’ 17ffaan Magaalaa Finfinneetti banameera.

Argisiisichi Giddugalaa Egzibishiinii magaalaa Finfinneetti kan baname yoo ta’u, guyyoota afuriif akka turu ibsameera.

Argisiisicharratti dhaabbileen konistiraakshinii garaagaraa oomishaa fi tajajila isaanii beeksiisuuf hirmaataniiru.

Argisiisicharratti argamuun hasaawa kan taasisan Ministir Deetaa Ministeera Magalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Injiinar Waandimmuu Seetaa, damee Konistiraakshinii deeggaruuf hojiileen baay’een hojjetama jiraachuu ibsuun cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Galteewwan oomisha konistiraakshiniif barbaachisan %80 biyya keessatti bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.